Namootni kun baayy'ee isaanii umrii haga ganna 4 irraa eegalanii kan hirriba keessa haasa'an yoo ta'u, ijjoollee baayyeen keessaa guddatu gaafa guddatan ni dhiisu.
Nammotni umrii giddu galeessaa keessa jiran hangi 5% hirriba keessa ni dubbatu jedhamee tilmaama.
Kaayyoon irriiba keessa dudubachuu guutummaatti hin hubatamne, garuu miira adeemsisuu, yaadannoo cimsuu, rakkoo furuu fi dhugaa fakkeessuu dabalatee maaliif akka abjoonnu yaadonni hedduun jiru.
Irriiba keessa dudubachuu bifa hedduu qabaachuu danda’a, abjuu yaaddoo, abjuu ifa ta’e, irriiba keessa dudubachuun hawwii guutuu fi abjuu halkanii dabalatee.
Irriiba keessa dudubachuu yaada, miiraa fi muuxannoo keenya kan calaqqisiisu siʼa taʼu, waaʼee hirribaa abjoochuun fedhii boqonnaa yookan dhiphina jalaa miliquu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Akkasumas adeemsa of calaqqisiisuu agarsiisuu danda’a, bakka sammuun kee yaad-rimee hirriba mataa isaa qorachaa jiru.
Gaaffiin saayinsii taasifamus, namoonni maaliif akka abjootan ammallee deebii jabaa hin qabnu.
Yaadonni baay’ee beekamoo ta’an keessaa muraasni abjuun yaadannoowwan adeemsisuuf nu gargaara, akkasumas miira keenya caalaatti hubachuuf nu gargaara, akkasumas waan barbaannu ibsuuf ykn qormaata keenya fuulduratti shaakaluuf karaa nuuf kenna.
Hiriba keessa dubbachuun kun darbee darbee kan namatti dhufu yoo ta'u, sekoondoota muraasaa haga daqiiqqootaatti namarra turuu danda'a.
Qabiyyeen dubbii issaniis yeroo baayyee haala namootni hirriba keessa dubbatan keessa darban yookan keessa jiran (isaan dhiphisaa jiruu) wajjin kan wal qabatu ta'us, darbee darbee namoota naaannoo isaanii jiraniif deebii deebisuufaa kan qabatuu dha.
Kanarraa ka'eeti natti fakkaata,nama hirriba keesa dubbataa jiru kana yoo quba moggee qaban dubbii itti fufa jechuun quba qabanii dhoksaa harkaa baaasuuf yaaluun waan beekamaadha.
Namootni kun gaafa dubbatan of hin beekan waaan ta'eef waantoota hamoo ta'an, namoota biroo mufachiisuu danda'an, dhimma yakka gara garaallee hasa'uu danda'u.
Waanti isaan hirriba keessa dubbatan akka seera biyya gara garaatti seera biratti akka ragaatti fudhatama hin qabu.
Namootni kun icciitii dhoksaa isaanii hirriba keessa baasuu irra darbee jechoota yeroo kaan hin dubbanne dubbachuu fi namoota isaanii wajjin ciisan hirriba dhorkuun waan beekamaa dha.
Wantoota inni irraa dhufuu danda'u.
Hirriba keessa haas'uu waantooni namatti fiduu danda'an bayyee ta'anis yeroo baayyee namootni hirriba keessa haasa'an fayya qabeessa akka ta'an qorannoon gara garaa ni ibsu.
Kanneen armaan gadii hirriba keessa dubbachuu fiduu kan danda'an keesaa muraasa.
A, Hanqina hirribaa (sleep deprivation) fi dhibee hirribaa biroo kannen akka hirrba keesssa deemuu, abjuu manaama sodaachisoo.
B, Yaaddoo, dhiphuu, ykn dhibee mukii hin yaalamin namarra ture.
C, Dhugaatii akka alkoolii garmalee dhuguu ykn baayyisuu.
D, Dhibee qaama keessaa kan ho'ina bulluqsaa fiduu danda'an.
E, Dhibee gaggabdoo.
F, Sadarkaa hirribaa kan abjuun keessatti abju'atamu keessatti hirriba keessa dubbatuun nama quunnamuu danda'a. Qabiyyeen dubbii kanaa baayyinaan abjuu saniin wal-qabata.
Furmaata isaa.
Hirriba keesa dubbachuun keessumattuu kan darbee darbee dhufuu fi rakkoo biro waliin wal hin qabanne hagas mara miidhaa kan fidu waan hin ta'iniif baayyeen isaanii yaalama hin barbaadan.
Garuu kanneen dhibee hirribaa biroon walqabatan, yaaddoo ykn dhibee mukii hama waliin dhufan, deddebiin isaanii dafee dafee kan ta'ee fi namoota nubira rafan kan jeequ yoo ta'e kanneen armaan gadiin yaaluun bu'a qabeessa.
A, Qulqullina hirriba ofii eeguu, sagantaa dhaabbataa hirriba ofii eeguu.
B, Sochii qaamaa sagantaa dhaabbataan hojjechuu.
C, Dhibee hirribaa kan biroo wajjin kan wall qabatu too ta'e yaalii barbaachisu argachuu.
D, Dhugaatii alkoolii ofirraa hir'isuu ykn irraa fagaachuu.
E, Dhibee ho'ina bulluqsa fidaniif yeroon yaalamuu, keessumattuu, erga ganna 25 ga'anii kan nama jalqabe yoota'e mana yaalaa dhaqanii sirriitti sakatta'amuun gaarii dha.
F, Yaaddoo, dhiphuu fi mukii ofirraa ittisuu fi yeroon yaalamuu.
G, Namootni nama hirriba keessa dubbatuu waliin ciisuuf dirqamtan gurra keesan wayiin cuqqaaluu fi nama hirriba keessa dubbatu kanaa wajjin yeroo san dubbachuu dhiisuun mijuu hirribaa keessan ni dabala.
